A region rich in history, natural resources, and vibrant communities.
Aanaan jiillee moggasa maqaa jiillee dhummuugaa jedhu kana argatte maqaa jiraattoota aanichaa shanan jiillee fi suubbaa dhummuugaa jedhurraa yoo tahu jiillees tahee dhummuugaan maqaa abbootii ummata Oromoo aanicha keessaa jiraachaa jiranii akka tahe seenaan manguddootarraa argame ni mul’isa. Aaanaan kuni moggaasa Kanaan kan waamamuu jalqabe bara mootummaa DARGII ijaarsa sirna aanotaafi godinoota yeoo sanii keessatti yoo tahu kutaa bulchinsa shawaa Kaaba “awraajjaa” Yifaatifi Dhummuugaa aanaa Efreraataafi Jiillee” jedhamu keessatti akka tahe seenan barruulee adda addaa fi afaaniffaan jiru ni mirkaneessa. Aanaa jiillee dhummuugaa maqaa amma ittiin waamamu jiillee dhummuugaa kobaatti mataa of dandahee kan argate bara bara 1986 A.L.I. xumura irratti aanaa efraataa jiille jedhamurraa adda bahee mataa of dandahee yeroo dhaabbateedha. Magaalaan guddoon aanichaas magaalaa sanbatee taatee hundoofte. Bara 1987 gaafa godinni bulchinsa saba Oromoo mataa of dandahee dhaabbatu immoo aanaa arxummaa fursii ture waliin walitti makamuun aanaa arxummaa jiillee jedhamuun hamma bara 1993tti waliin turan.
Experience the wonders of Jille — from ancient spiritual sites to vibrant markets.
The soul of Jille lives in its traditions, ceremonies, and communal bonds.
Explore Jille through a collection of stunning images.